• Mon. Mar 23rd, 2026

Godina Baha Wallaggaa  aanaa Kiiramuutti PP’n  namoota ijaaruun finxaaleyyii Amaaraa waliin araaramaa jedhee uummata dararaa jiraachuun ibsame

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 27, 2024

Finxaaleyyiin Amaaraa uummata nagaan qe’ee fi qabeenya isaarra jiraatu yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwatanii jiraattota aanaa kanaa buqqisanii bittinneessuun harka namaa akka ilaalan gochuun yaadannoo yeroo dhiyooti. 

Murni gabroomfataa PP’s finxaaleeyyii kana deggeruun uummata qe’ee fi qabeenya isaarraa kan buqqisaa turee fi itti jiru, yeroo ammaa kanas uummataan “bakka keessanitti deebi’aa!” jechaa kan jiruu fi namoota bakka isaaniitti deebi’uu hin feene immoo doorsisaa jiraachuun barameera.

Jiraattota aanaa Kiiramuu ganda Waastii keessaa murni maafiyaa PP maqaa araaraan gandicharraa namoota 4 ijaaree jira. Namoonni kunneenis: Xibabuu Moosee, Addisuu Girmaa, Baqqalee Biraanuu fi Mulugeetaa Dhufeeraa kan jedhaman yommuu ta’u, isaanis PP irraa ergama fudhachuun gama finxaaleyyii Amaaraatti deddeebi’anii gara hawaasaattis deebi’uun hawaasaan “walitti araaramna” jechuun rakkisaa kan jiran ta’uu  jiraattonni gandichaa himuun, hawaasni  immoo “mana gumaa hin seennu!” jechuun ifaan ifatti finxaaleyyii kana waliin araaramuu akka hin feene akkasumas mirgi Abbaa biyyummaa isaa akka kabajamuuf jiraattonni ganda Waastii kun ONM’f ibsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading