• Tue. Mar 24th, 2026

Murni faashistii PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessineerra jechuun holola afuufuu yoo itti fufan, nama nagaa tokkos ajjeesan

Jun 1, 2024

ONM-ABO Caamsaa 27, 2024

Jeneraal Mallasee Masarat qondaaltota waraanaa fi bulchiinsa godina Horroo Guduruuf gamaggama hojii jechuun ibsa taasise irratti godinni Horroo Guduruu Wallaggaa bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo  burquu ture, amma aanota baay’ee keessaa balleessineerra, bakkoota hafan irratti ni xiyyeeffanna jedhee turuun ni  yaadatama.

Kanuma bu’uura godhachuun caasaan aanaalee irra jiran dirqama Jeneraal Mallaseen kenneef fudhatanii hawaasaa fi kabinoota aanaa akkasumas bulchiinsa magaalaatti hololaa jiru.

Haa ta’u malee Waraanni Bilisummaa Oromoo  badeera jettanii akkamiin nu goyomsitu, kunoo wal keessa deemaa jirraa fi WBO akka isin jettan marsaa tokkotti humna baduudha jedhanii gaaffii warra gaafatan, isin warra nagaa Itoophiyaa hin jaal’anneedha, WBO waliin hojjechaa jirtuu fi isininis ni qulqulleessina jechuun itti dhaadachaa turuu maddeen himan.

Duula guyyoota 40 dabalataan godinicha keessatti geggeeffamuuf deemu kana keessatti hawaasni eeboo fi albee qabatee sakatta’iinsa akka ba’u gochuuf karoora qabaachuu fi milishoota lafa beekan itti fayyadamuuf akka jiran odeessi keessoo isaanii ba’e ni addeessa.

Haa ta’u malee muuxannoo lola bilxiginnaa keessatti qondaatotni waraanaa isaanii barbadeessineerra, qabneerra, biyyaa ba’aniiru, funaanaa jirraa fi nu gargaaraa duulaa jechuun dubbii afaan isaanii bare ta’eera.

Oduu biraatiin ammoo waraanni faashistii PP WBO balleessineerraa fi nageenya uummataa kabachiisaa jirra jedhu, faallaa isaa godinichuma keessatti uummata nagaa ajjeesaa jira.

Waraanni maafiyaa pp hawaasa ajjeesuu amaleeffate, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo ganda Burqituu Oborraatti dargaggoo maqaan isaa Galaanaa Taganyee jedhamu sababa Oromummaa isaa qofaaf rasaasa afur itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading