• Tue. Jan 13th, 2026

Pireezidaantiin yukireen Volodimir Zelenesky’n biyyoonni Lixaa Raashiyaan nagaa akka buustuuf dirqisiisuu qabu jechuun gaafatan

Jun 2, 2024

ONM-ABO Caamsaa 28, 2024

Pireezidaantiin Yukireen Volodimir Zeleniskiin hooggantoonni biyyoota Lixaa karaa hundaa fi barbaachisaa ta’e fayyadamuun Raashiyaan nagaa akka buustu dhiibbaa akka godhan gaafataniiru.

Zeleniskiin Ispeenitti haasawwa taasisaniin, Raashiyaa dirqisiisuun qabatamaan  jiraachuu qaba jedhan.

Haa ta’u malee Zeleniskiin yeroo dheeraaf erga dubbateen booda hanga humnoonni Moskoo Kiriimiyaa dabalatee naannoo Yukireen hunda keessaa bahanitti kallattiin Raashiyaa waliin akka hin mari’anne dubbataniiru.

Waamichi kun garuu yeroo Raashiyaan Yukireen irratti bu’aa argattetti kan dhiyaate yoo ta’u, Kiiv hanqina meeshaa waraanaa biyyoota Lixaatiin rakkachaa yeroo jirtuttis ta’e mul’ateera.

Pirezidaantiin Yukireen yaada ji’a dhufu Siwiizarlaanditti yaa’ii nagaa gaggeeffamuuf karoorfame irratti Raashiyaa affeeruuf jedhu kuffisaniiru.

Raashiyaan garuu hal duree keesseen naannoleen Yukireen keessatti duraan qabaman to’annaa ishee jalatti yoo hafan marii nagaaf qophii ta’uu ishee ifatti dubbatti.

Hooggantoonni biyyoota Lixaa  meeshaa waraanaa gumaachanii dachee Raashiyaa haleelchisan akka dhaaban gaafataniiru.

Akkasumas Hooggantoonni Yukireen Raashiyaa qofa irratti osoo hin taane, michoota keenya irrattis dhiibbaa gochaa jiru jechuu isaanii BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading