ONM-ABO Waxabajjii 4, 2024
Godinaalee Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti waraanni garaa isaa qofaaf jiraatu jabbiileen Abiy Ahimed akkuma duraaniitti hawaasa nagaa ajjeesaa jiru.
Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasee afaan jala qabatee dhuguun lubbuu namoota qaqqaalii ta’an dabarsee duguuggaa sanyii (genocide) raawwachuun, uummata jiilchee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hojjechaa kan jiru waraanni impaayera Itoophiyaa Abiy Ahimediin durfamu ammallee gara jabina guddaan uummata irratti bobba’ee jira.
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Abaaboo Guduruu ganda Sirbaa Looyyaatti nama maqaan isaa ‘Hayiluu Tasfaayee’ jedhamu kan umuriin isaa 49 ta’e “ilma keetu bosona jira” jechuun Caamsaa 31, 2024 naannoo sa’atii 11:00’tti sababa tokko malee Oromummaa isaa qofaaf ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Haaluma walfakkaatuun, waraanni ilmaan Oromoo lafarraa fixuuf bobba’ee jiru waraanni faashistii kun, maqaa sakatta’insa WBO jedhuun godina Lixa Shaggar ona Iluu Galaan ganda Waddeeyyii Aaddee jedhamutti nama maqaan isaa Raggaasaa Addunyaa jedhamu sababa Oromummaa isaa qofaaf guyyaa dheengaddaa jechuun Waxabajjii 01, 2024 bakka addaa Kamisee jedhamutti rasaasaan dha’anii ajjeesuu fi akka ona sanaatti yakkoonni gara jabinaa hedduun raawwachaa turuun, yeroo ammaa kanas bifa adda ta’een duulli duguuggaa sanyii jiraattota irratti itti fufuunis ibsameera.





