ONM-ABO Waxabajjii 18, 2024
Wal dhibdee siyaasaas ta’e gaaffii eenyummaa karaa marii siyaasaa furuu irra abbootiin irree yaada mo’ataa waan hin qabneef maaliif na tuqxu? na qeeqxu? eenyu kan aangoo koo tuqu jechuun dhaadannoon lafa macheessanii humna qabanitti fayyadamuun uummata nagaas ta’e warreen gaaffii fi yaada irratti kaasan waan jiilchan itti fakkaatee gochaa suukkannessaa fedhan irratti raawwatanis ittuu rakkoo hammeessuun impaayerattii ofumaan gara kufaatiitti kan ariifachiisan yoo ta’u, koloneel Abiy Ahimadis fakkeenya kanaaf agarsiiftuu guddaadha.
Gochaa abbaa irrummaa isaa calaqqisiisu itti fufuun Waxabajjii 14-15, 2024’tti Lixa Shaggar aanaa Meettaa Roobii keessatti gochoota hamoo fi suukkanneessaa ta’an saanjaan nama waraanuu, ija keessaa baasuu, funyaan mummuruu, gogaa quncisuu, ajjeesanii awwaalcha dhorkuu, reebicha hamaa irratti raawwachuun yaala dhorkuu, manneen gubuu fi saamicha daran hammeessanii jiru.
Haaluma kanaanis aanaa Meettaa Roobii ganda Kuyyuu Giddii jedhamtu keessatti Araarsaa Gadaa jalaa mana tokko guban. Walee Magarsaa jalaa mana 1 gubuun loon 6 saaman, Tolasaa Badhaadhaa jalaa mana 3 gubuun loon 25 saaman, Tesfaayee Dhufeeraa jalaa loon 3 saaman, Taaddasaa Dhufeeraa jalaa mana 2 guban, Dhugumaa Girmaa jalaa mana 2 gubuun qotiyyoo 2 fudhatan, Baqqalaa Qalbeessaa jalaa qotiyyoo 2 saaman, Asaffaa Boodaa jalaa mana 1 guban, Leellisaa Gonfaa jalaa mana 1 fi Katamaa Gonfaa jalaas mana 1 akka guban beekameera.
Ganda Mooxee Roobii Magaalaa Laga Roobii ganda 01 keessattis nama maqaan ishee Muluu Tufaa jedhamtu jalaa mana 2 yoo guban akkasumas ganda Faallee keessatti immoo nama Tarreessaa jedhamu jalaa mana 1 guban.
Bulchiinsa magalaa Shinoo aanaa Meettaa Roobii ganda O1 keessatti nama maqaan isaa Raggaasaa Didaa jedhamu kan umriin isaa 52 ol ta’e jalqaba ija keessaa baasuun, funyaan isaas mummuranii, gogaa isaa keessa wawwaraanuun ajjeesanii awwaalcha kan dhowwan yoo ta’u, Aduu Yaadasaa fi Daamxoo Taaddasaa saanjaan waaraanuun yaalas yoo dhowwan, Zannuu Maammoo fi Asnaaquu Badhaadhaa reebicha hamaa irratti raawwachuun yaalas dhorkatanii jiru.
Dabalataanis ganda Hulluuqqoo Birbisaa jedhamu keessatti Abbabaa Baqqalaa Bayeechaa jalaa mana gubuun isas yoo ajjeesan, abbaasaas nama ganna 65 ol ta’e akka malee reebanii yaalas dhorkuun qabeenya guutuus jalaa fudhatan.
Yaadasaa Bayeechaa Duumechaa Gara laafina tokko malee ajjeesuun ,Toleeraa Aayyoo jalaa mana 3 gubanii midhaan ardaba 30 ol, loon 30 re’oota, lukkuu dabalatee qabeenya cufa akka saaman himaniiru.



