• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa ona Jimmaa Arjootti waraanni faashistii Abiy Ahimed jiraattota saamuu fi garmalee reebaa jiraachuun himame

Jun 23, 2024

ONM-ABO Waxababajjii 22, 2024

Ergamtootni sirnichaa uummata Oromoo dararuu fi godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Kolonel Abiy Ahimediin bobbaafaman godina Baha Wallaggaa ona Jimmaa Arjootti  jiraattota saamaa fi dararaa jiraachuun ibsame.

Onichatti dararaa adda addaa uummata irratti geggeessaa kan jiran murnoonni bilxiginnaa ganda Qumbaa jedhamu irraa Waxabajjii 7, 2024 nama maqaan isaa Obbo Abdiisaa Daggafaa jedhamu saanjaan waraanuun miidhaa qaamaa erga irraan ga’aniin booda midhaan ardaba afur, mi’a dukkaana tokko guutummaa isaa, bilbiloota hedduu fi qabeenya inni qabu hunda jalaa saamuun konkolaataatti fe’atanii deeman. Yeroo ammaa kana miidhaa qaamaa isa mudateen du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu isaa jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan dubbatu.

Kana malees, guyyuma kana nama maqaan isaa Obbo Gaarummaa Tamasgeen jedhamu jalaa maashina  uffata hodhu afurii fi huccuu hin hodhamin jiru dukkaana tokko guutuu jalaa saamuu itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading