ONM-ABO Adoolessa 4, 2024
Murnoonni bilxiginnaa bara bulchiinsa isaanii dheereffachuuf halkanii fi guyyaa gamaa gamanatti utaalanii ifaajan, kaayyoo isaanii galmaan ga’uuf ciqilee hammeenyaa isaanii uummata Oromoo irratti jabeessaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Baha Harargee ona Baddannoo magaalaa Furdaatti jiraattota irratti reebicha hamaa ergamtootni bilxiginnaa raawwachaa jiraachuun ibsameera.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Adoolessa 1, 2024 ona Baddannoo magaalaa Furdaa jedhamu irraa kantiibaan magaalichaa maqaan isaa Kamaal Hasan jedhamu dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Abdii Amaanee jedhamu sababa tokko malee dhiituun garmalee reebicha irratti raawwatameen miidhaa hamaan irra gahee jiraachuu fi dargaggoon kun yeroo ammaa kana miidhaa isa mudate irraa kan ka’e fincaan fincaa’uu dadhabuun hospitaala Hararitti yaalamaa jiraachuu isaa namoonni keessa beekan ni dubbatu.
Onichatti mindeeffamtootni bilxiginnaa yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.



