• Wed. May 6th, 2026

WBO’n godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti waraana faashistii PP ajjeesuu fi madeessuun konkolaataa irraa dhuunfate

Jul 6, 2024

ONM-ABO Adoolessa 5, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBO’n tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti Bobbaa Irbuu Shinniggaan fudhatu jabeessuun Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti humna diinaa bobeessee jira.

Haaluma kanaan kaleessa ganama Adoolessa 4, 2024  tarkaanfii waraana maafiyaa PP irratti aanaa Dagam magaalaa Alii Dooroo qarqaratti fudhateen loltoota diinaa irraa 9 ajjeesee 6 madeessee jira.

Kana malees tikoota bilxiginnaa konkolaataa waraana PP’n deemaa turan 2 konkolaataa waliin dhuunfatee jira.

Bakki kun daandii cirracha gurraacha Finfinnee fi naannoo Amaaraa wal quunnamsiisuu dha.

Murni bilxiginnaa WBO balleessineerra, akkasumas misooma irra jirra jechuun sobaan miidiyaa irraa hololus WBO’n Finfinneetti dhiyoo magaalaa Caancoo fi Muka Xurii akkasumas daandii guddaa irratti konkolaataa dhaabsisee waraana faashistii PP biyyee nyaachisaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading