• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongorootti caasaan bilxiginnaa finxaaleeyyii Amaaraa waliin ta’uun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaarraa buqqisan

Jul 10, 2024

ONM-ABO Adoolessa 10, 2024

Kutaalee Oromiyaa godinaalee adda addaatti finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon murnoota bilxiginnaa waliin ta’uun hawaasa nagaa irratti duguuggaa sanyii geggeessuun yakkoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa kan turanii fi itti jiran ta’uun godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoorootti  caasaan bilxiginnaa finxaaleeyyii Amaaraa waliin ta’uun uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun eerameera.

Guyyaa dheengaddaa jechuun gaafa Adoolessa 8, 2024 finxaaleyyiin Amaaraa Faannoon ergamtoota bilxiginnaa waliin ta’uun gandoota Gaalessaa fi Caruu jedhaman irraa uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqisuun manneen isaanii gubaa jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.

Humna badii finxaaleessaa Amaaraa adda durummaan hidhachiisuu fi odeeffannoo isaaniif qooduun kan uummata hiraarsaa jiran aanga’ota mootummaa onichaa ta’uun ifoomeera.

Akka jiraataan aanichaa tokko jedhetti, “humnoota finxaaleyyii Amaaraa Faannoo jedhaman kana bilxiginnaatu hidhachiisee duula duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti labse kan jedhu namni kun, finxaaleyyii kana yoo qabanillee maallaqa irraa fudhachuun gadi lakkisaa jiru jedha. 

Uummata ona kanaa balleessuuf itti yaadamee bilxiginnaan impaayera Itoophiyaa fi finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon duula bananii jiru, sababa kanaanis namoota hedduutu qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an jechuun miira aariin dubbata.

Bulchaan ona Abee Dongoroo maqaan isaa Tasammaa Shoonee jedhamuu fi itti aanaan isaa Gabayyoo jedhamu maallaqaan biyya gurguruun osoo hawaasichi qalamaa, qe’ee fi qabeenyaa isaarraa buqqa’uu, dhumaa fi saamamaa jiruu finxaaleeyyii Amaaraa irraa maallaqa fudhachuun uummata Oromoo gurguranii miidiyaa fi gabaasa isaaniin aanaan keenya nagaadha jechuun dhugaa jiru waakkataa jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading