• Tue. Apr 28th, 2026

Buttaan Lammiilee Nagaarratti Saamichaaf Jedhamee Raawwatamu Ilaalchisee (Ibsa ABO-WBO)

Jul 12, 2024

Buttaan maallaqa argachuuf jedhamee lammiilee nagaarratti raawwatamaa jiru gara rakkoo hawaasummaa, kan siyaasaa fi nageenya hamaatti guddataa jira. Kufaatiin dinagdee, daddaaqamni siyaasaa fi rakkoon nageenyaa walxaxaan biyyattis gocha yakkaa maallaqaaf jecha lammileerratti raawwatamaa jiru kana duuba jiru. 

Dhugaan lafa irratti mul’atu akka hubatamuuf, qaamonni gocha hamaa kana keessatti qooda fudhachaa jiran eenyu akka tahan, duubaan ammoo eenyu akka isaan deeggaraa jiru fi akeeki itti yakka kana raawwataniifi raawwachiisan beekamuu qaba. Sadarkaa sirnaatti, hooggansi Paartii Bilxiginnaa (PP) nama butuu fi maallaqaa gaafachuu  dantaa siyaasaaf kan itti dhimma bahu yoo tahu, ittiin mormitoota yakkuuf akka raawwatu beekamaa dha. Gochoonni akkanaa kun Oromiyaa guutuu keessatti, garee ‘Koree Nageenyaa’ jedhamu  kan sadarkaa qaama raawwachiistuu naannootti gurmaa’een kan karoorfaman yoo tahu, garee ‘Saamichaa Shanee’ jedhamu kan mootummaan ittiin maqaa WBO xureessuuf uumee Shimallis Abdisaatiin hoogganamuun lafaratti raawwatama. Dhiibbaan gochi akkanaa ummata nagaa irratti qabu yeroo baay’ee kaayyoo siyaasaa Bilixiginnatti aanee sadarkaa lammaffaa kan qabate yoo ta’u, gocha aangawoonni Itoophiyaa hanqina nyaataa fi beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jiraniin addatti kan laalamu miti. Biyyoota birootti qaamonni yakka akka nama butanii maallaqa gaafachuu raawwachaa jiran kanneen qaama mootummaa hin taane. Kanas kan raawwatan laafina garee nageenyaa mootummaa saaxiluufi. Biyya keenyatti garuu gareen nageenyaa mootummaa humna saaxilamu kan isa biratti hafe hin qabu; saaxilamee dhumeera. Kanaaf yakkoota akka nama butanii dhoksuu kan raawwatu  qama mootummaa ofiin jedhu erga tahee bubbuleera. Qoodi baratamaan kan mootummaa fi qaamota mootummaa hin taane ilaalchise, haalli amma Itoophiyaa keessatti mul’atu faallaa dha. Aangoon mootummaan hojiirra oolchuf deemu kan harkasaatti hafe bakka hin jirretti qaamni aangoo mootummaa gadi xiqqeessuuf jedhee gocha nama butuu raawwatu hin jiru. Qaamni mormitootasaa maqaa balleessuuf jedhee gochoota fokkisaa kana raawwatu mootummichuma mataa isaati. Mormitoota ittiin maqaa balleessuuf jecha gochoota akkanaa raawwachuun kan beekamu mootummaa Bilxiginnaa (PP) tahuu, gochoonnisaa karaa addaa addaatin jiranis ni mirkaneessa. 

Gareen gocha nama butanii maallaqa saamuu keessaa qooda fudhachaa jiru inni lammaffaan garee, kaadiroota caasaa gara gadii kan paartii biyya bulchaa jiruu, basaastota sirnichaafi qaamota nageenyaa jara kana qindeessan fa’a dha. Caasaan sirnichaa sadarkaa gadii kun dantaa dinagdeef jecha gocha yakkaarratti hirmaatu. Yakki nama butanii maallaqa gaafachuun kaadiree fi qaama nageenyaa sadarkaa gadiitiin dantaa dinagdee dhuunfaaf jedhame raawwatamu kun faayidaa siyaasaa hamma argamsiiseefitti ykn mormitoota sirnichaa hammeessuf hamma raawwatametti, hooggansi siyaasaa sirnichaa gara olii jiranis akka homtuu hin uumamnetti laaluudhaan beekamu. Sochii Mootummaa Naannichaa dhiyeenya kanaa ka qindoomina hin qabnee; kan jilbisaa wal rukutu yoo ilaalle, taateen namoonni butamuu Godina Salaalee (Shaggar Kaabaa) naannawa Garba Gurraachaatti ta’e gocha badii Qaama Nageenyaa Naannichaa fi kaadiroota sirnichaa sadarkaa gadiitiin akka qindaa’e agarsiisa. Mootummaan Naannichaa ega, Embaasiin Yunaayitid Isteetis, Finfinnee jiru ibsa baasee booda dubbii kana kennuu eegale. Dubbiin akkanaa kun silaa kan akkunamatti dhiisanii bira dabran ykn garagalanii hin laalle tahee hafa ture. Sirna kana keessatti itti gaafatamuummaan hafee, seeraa ol tahuun ega dagaagee barsiifata hamaa tahee bubbulee jira. 

Sadeessoon, garee dargaggoota hojii dhabanii fi abdii kutannaa keessa jiranii kan mootummaan garagalee hin laalleti. Aangawoonni Arat Kiiloo jiran, wal waraansa biyyattii keessatti dhalchaniin akkasumas piroojektiiwwan qananii magaalaa ‘biliclicii’ waa’ee tokko hin buusneen qabamanii waan jiraniif, bakka qaamni seera kabachiisu hin jirrettimmoo, dargagoota hojii dhabdummaa fi abdii kutannaa keessatti  gurmaa’anii jiraniif haala mijataa uumera. Sirni seera kabachiisu waan hin jirreef, adabbii badii kanaan itti dhufurra maallaqni daragaggoonni kun argataan caalaa dhufeera. 

Rakkoo sirnaa akkasii kanaaf silaa tarkaanfiin sirreessaa fi madaalawaa tahe fudhatamuu male. Mootummaan wal waraansa fi piroojektiiwwan dhimma hin baasneen qabamee jiruu akkasumas mootummaan humnoota nageenyaa isaa naannolee biyyattii keessa facasee mormitoota dhabamsiisurratti bobbaase, olaantummaa seeraa ni deebisa jedhamee hin eegamu. Warri biyya bulchina jedhan, waamicha fakkeessaa maqaa nagaa’tiin harka kennadha jedhu bira darbanii rakkoowwan siyaasaa fi nageenyaa furamuufiyyuu ulfaatoo tahaa jiran kanneen akka furaman yoo kan barbaadan ta’e, dhimmoota sirnaa ijoorratti fuulleffatanii rakkoo hiikuuf murannoo qabaachuu isaanii mul’isuu qabu. 

Injifannoo Uummata Oromoof!
Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Adoolessa 11, Bara 2024

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading