ONM-ABO Adoolessa 15, 2024
Loltoonni imphaayera Itoophiyaa tiksan badii tokko malee ilmaan Oromoo adamsanii; hidhuu, saamuu, dararuu, mana irratti gubuu fi ajjeesuu hojii idilee isaanii godhatanii kan jiran yommuu ta’u, Oromiyaan alatti illee maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun yakkanii hidhaatti guuraa jiraachuun beekamee jira.
Haaluma kanaan, loltoonni kun ilmaan Oromoo naannoo Benishaangul Gumuz magaalaa Asoosaa jiraatan maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun namoota hedduu yakkanii hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen keenya eeran.
Adoolessa 5, 2024 badii tokko malee Oromummaa isaaniif yakkuun namoota maqaan isaanii :
- Milkiyaas Ofga’aa
- Bultii Kabbadee
- Gammadaa Iyyaasuu
- Jijoo fi
- Daawwit jedhaman, ukkaamsanii hidhuudhaan dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu fi magaalicha keessatti ilmaan Oromoo adamsanii hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattonni itti dhiyeenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Ilmaan Oromoo bara dhufaa darbaa lafa deemanitti adamfamuun hidhaa hanga ajjeechaatti irratti kan adeemsifamaa ture ta’us keessattuu bara bilxiginnaa keessa naannoolee Ollaa Oromiyaa keessattis shira siyaasaa murni bilxiginnaa uumeen sabaa fi sablammoota walitti buusuun uummaticha boqonnaa dhorkaa jiraachuun ni beekama.




