• Wed. Jan 14th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar keessatti murnoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhuun dararuu itti fufan

Aug 9, 2024

ONM-ABO Hagayya 5, 2024

Murnoonni bilxiginnaa safuu fi safeeffannaa uummata Oromoof tasumaa hanga xurii qeensaa hin qabne milishotaa fi gaachana sirnaa jechuun ergamtoota isaaniin utubuu danda’an uummata irratti bobbaasuun kanneen uummata irratti bobba’an kun immoo ergama bilxiginnaan itti kenne galmaan gahuu fi gammachiisuuf jecha garmalee dararaa hamaa uummata irraan gahaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, bulchiinsa magaalaa Shaggar keessatti murnoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhuun dararuu itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Bulchiinsa magaalaa Shaggar kutaa magaalaa 140 ganda Mariisaa jedhamee beekamu keessaa Adoolessa 30, 2024 nama maqaan isaa Obbo Huseen Eliyaas jedhamu namoota lakkooftuu ibsaa isaaf galchaniin “sooressaa fi hiyyeessa adda baafadhaa” ittiin jennaan milishonnii fi murnoonni bilxiginnaa “kun ergama Waraana Bilisummaa Oromooti” jechuun mana isaatii gadi baasanii reebicha hamaa ta’e irratti raawwachuun ukkaamsanii waajjira poolisii magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti hidhamee dararamaa jiraachuu maddeen keenya eeranii jiru.

Obbo Huseen naannoo Somaalee irraa duraan buqqa’ee magaalicha kan qubate yommuu ta’u, jecha tokkittii dubbate kana qofaaf sobaan yakkamuun hidhaatti darbatamuun maatiin akka nyaata geessanii dhaqanii hin gaafanne dhorkamuu fi magaalicha keessatti ilmaan Oromoo irra dabaa fi dararaan uummata irra gahu yeroo adda addaatti kan cimee itti fufe ta’uun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading