• Sat. Jan 10th, 2026

Godina Jimmaa aanaa Maannaatti murnoonni bixiginnaa dargaggoota ukkaamsuun hidhaatti darbachuu itti fufanii jiraachuun ibsame

Aug 9, 2024

ONM-ABO Hagayya 6, 2024 

Murni PP addatti ilmaan Oromoo qofa irratti xiyyeeffachuun ukkaamsuun hidhuun, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuun dararaa garmalee hawaasa nagaa irratti raawwataa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Jimmaa aanaa Maannaatti murnoonni bilxiginnaa dargaggoota hedduu ukkaamsuun hidhaatti darbachuu itti fufanii jiraachuun ibsamee jira.

Dargaggoota ammaaf maqaan isaanii adda hin baane hedduu torban tokko dura magaalaa Yabbuu jedhamu irraa ukkaamsuudhaan murnoonni bilxiginnaa hidhanii garmalee dararaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Akka maddeen keenya kun eeranitti, dargaggoonni hedduun gandoota baadiyyaa aanichaa hunda keessaa sababa tokko malee sobaan yakkamuun qabamanii waajjira poolisii aanaa Maannaatti garmalee dararaa hamaa argaa jiraachuu isaanii dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading