• Wed. Mar 11th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan irraa milishaan bilxiginnaa tokko gooticha WBO’tti harka kennate

Aug 12, 2024

ONM-ABO Hagayya 10, 2024 

Waraanni faashistii PP fedhii isaanii malee dirqamaan aangoo siyaasa koloneel Abiy Ahimed tiksuuf Oromiyaa bakkoota adda addaatti bobbaafaman dhalootaan Oromoo kan ta’an akkasumas sabaaf sab-lammoota dabalatee yeroo gara yerootti gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawaa Galaan irraa milishaan bilxiginnaa tokko gooticha WBO’tti harka kennatee jiraachuun ibsameera.

Mooraa waraana bilxiginnaa ganda Hawwaa Mo’ii jedhamu irraa Hagayya 8, 2024 milishaan bilxiginnaa tokko qawwee AKM tokko qabachuun WBO onicha keessa socho’utti harka kennechuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniru.

Waraanni Bilisummaa Oromoos simannaa ho’aa taasiseefii kan jiru yoo ta’u, innis simannaa isaaf taasifametti gammaduun “ilmaan Oromoo qawwee ormaa baattan qawwee keessan sabatti dhukaasuurra gara WBO kottaa qabsoo bilisummaa Oromootti makamaa sabaaf dhukaasaa” jechuun ergaa isaa dabarfatee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading