ONM-ABO Hagayya 15, 2024
Sabni Oromoo abbaa qabeenyaa ta’ee qe’ee fi araddaa isaa irra akka itti jiraatu dhabee doorsisaa fi sarbamiinsa mirgoota namoomaa waraanni faashistii PP irratti taasisaa jiruun guutuu Oromiyaatti hiraarfamaa jira.
Yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa namoota hiyyummaaf saaxiluu fi hawaasni hojiiwwan irratti bobba’u dhabuun namni hundinuu yaaddoo ulfaataa keessa jirutti angaa’onni bilxiginnaa ajaja saamichaa dabarsuun hawaasa hiraarsaa jiru. Namoota dhimma siyaasaan tuttuqaa hin qabne maqaa ilma keetu miseensa WBO’ti kanaaf yakka isaaf itti gaafatamaan si mataa keeti jedhamuun abbaa fi haati gidiraa waraana garboomfataa PP jalatti kufanii argamu.
Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Daandii Guudii iddoo addaa Magaalaa Kolfee jedhamutti waraanni guyyoota lamaaf Hagayya 12, 2024 irraa kaasee bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa bobba’e maatii qabsaa’otaa dabalatee waajjira gandaa diigame dirqamaan yeroo gabaabaa gidduutti ijaaruu qabduun maallaqa irraa guuraa turuun dhagaa’ameera.
Maallaqni funaanamaa jiru qarshii 200 irraa eegalee hanga kuma afuriitti yoo ta’u, maatii ijoolleen isaanii miseensa WBO ta’aniin ammoo manni kun lammaffaa gubannaan isiniin ajjeesna jechuun akeekkachiisa cimaa irra akka kaa’anis jiraattonni ONM’f qoodaniiru.
