ONM-ABO Hagayya 15, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n Itti Fufiinsa Bobbaa Irbuu Shinniiggaa Milkeessuuf bobba’een godina Arsii Bahaa aanota garaagaraa keessatti mooraa isheetti itti marsuun hirriba malee bulchee jira.
Haaluma kanaan guyyaa dheengaddaa Hagayya 13, 2024 irree fi gachaanni sabaa WBO’n Cibraa Hambaa Aanoolee aanaa Asakoo magaalaa Caffaa fi ganda Biyyoo keessatti waaree booda sa’atii 10:45 irraa kaasee hanga halkan sa’atii 3:00’tti waraana Bilxiginnaa mooraa ishee keessatti rasaasaan waadee baaruudaan macheessuun loltoota 13 irraa ajjeesee 11 madeesseera.
Qophii waraanaa hedduus irraa hiikuun mooraa ishee lamaanuu ibiddaan dhabamsiisee jira.
Haaluma wal fakkaatuun guyyuma dheengaddaa cichitoonni kaayyoo haqaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa fi Cibraan Madda Walaabuu waliin ta’uun aanaa Roobee Dida’aa magaalaa Saddiqaatti mooraatti itti seenuun loltoota teessoo Abiy jalatti ittisuuf uummata hiraarsaa turte tarkaanfii irratti fudhateen loltoota 23 ajjeesuun 12 madeessanii jiru
Tarkaanfii lamaan kanaan meeshaa AKM 6 fi meeshaa boodatti hafaa hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiru.
Loltoonni lola sana irraa hafan shororkaa hamaa keessa seenuun mooraa keessaa baqatanii uffata jijjiirrachuun bifa uummataatiin deemaa turuun barameera.
Jajjabeen WBO Zoonii Harsadees godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhachuun meeshaa irraa hiikkate.
Tarkaanfii aanicha daandii Itiyoo Jibuutii irratti waraana faashistii paatirooliin socho’aa turte irratti guyyuma dheengaddaa fudhateen humna diinaa irraa du’aa fi madoon adabuun meeshaa PKM 1 fi AKM 2 irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.


