ONM-ABO Hagayya 20, 2024
Loltoonni bilxiginnaa afaaniin “nuti hawaasa keenyaaf dhaabbanna” jechaa hojiin isaanii ammoo kanaan faallaa kan ta’ee fi hawaasa irraa dhalataniif illee naasuu tokko kan hin qabne akka barbaadan bobbaafamanii yeroo barbaadanitti ilmaan Oromoo irratti yakkoota garaa garaa raawwachaa oolu.
Haaluma kanaan, godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti waraanni faashistii bilxiginnaa uummata nagaa hidhaatti guuruu cimsee itti fufuun jiraattotni dararamaa jiru.
Aanicha ganda Ayinoo Gammoojjii jedhamu irraa namoota maqaan isaanii Geetaachoo Taasisaa fi Biraanee Tasammaa jedhaman badii tokko malee “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun ukkaamsanii reebicha ulfaataa irraan gahuun mana hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Kana malees ganda Cooraa Kanaaboo jedhamu irraa immoo dargaggoota maqaan isaanii:
- Mangistuu Dhaabaa,
- Caalii Biraanuu,
- Taganyee Nigaatuu fi kanneen biroo hedduun ergamtoota sirnichaan butamuun jumlaan qabamanii hidhaatti darbatamuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru.
Akka aanichaatti hiraarfamni ilmaan Oromoo irratti adeemaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti jabaachaa jira jechuun jiraattonni gandichaa sodaa qaban ONM’tti himan.


