ONM-ABO Fulbaana 5, 2024
Dhala namaaf hanga bineensaa illee naasuu tokko kan hin qabnee fi kabajaa namummaa ilma namaa kan hin beekne waraanni faashistii PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabda” jedhuu fi “ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun uummata nagaa saamuun, hidhuun, reebuun, ajjeesuu fi manneen irratti gubuun dararaa jiru.
Haaluma kanaan, godina Lixa Shaggar aanaa Ambootti saamichi ulfaataan loltoota Abiy Ahimediin jiraattota irratti raawwatamee jiraachuun ibsameera.
Aanaa Amboo ganda Nyamar Bulloo jedhamu irraa torban darbe keessa loltoonni sirnichaa ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman hawaasa nagaa qe’ee fi qabeenya isaa irra jiraatu maqaa adda addaa itti maxxansuun jiraattota gandichaa hedduu irratti saamicha ulfaataa raawwachuu maddeen ONM’tti himan.
Akka jiraataan gandichaa maqaan isaa akka hin xuqamne barbaadu tokko jedhetti, “abalufaa jalaa saamame waanan jedhu hin qabu. Naamoonni saamaman sababa baay’ee ta’aniif jechuu kooti”, waan harkaan qabachuu danda’an harkatti qabachuun, isa kaan immoo konkolaataatti fe’achuun saamicha hamaa geggeessan” jechuun dubbata.
