ONM-ABO Fulbaana 13, 2024
Waraanni faashistii PP bakkeewwan bobba’an hundaatti yeroo ammaa haleellaa meeshaa waraanaa gurguddoon bananiin hawaasa miidhaa kan jiran yoo ta’u, jijjiiraa bara haaraa impaayerattii sababeeffachuun hawaasa ayyaana kabajaa turan irratti miidhaa qaqqabsiisuun himame.
Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa fi Boojjii Birmajjii gandoota baadiyyaatti kan bobbaafaman waraanni garboomfataa PP hawaasa wal-ga’uun kabaja ayyaanaa irra turan kallattii adda addaan ol itti seenanii hedduu irratti reebicha raawwachuun gariin ammoo hidhaatti darbuun beekameera.
Qaamolee waraana bilxiginnaa kan ta’an, waraana raayyaa ittisa impaayera Itiyoophiyaa fi poolisii humna addaa irraa dhukaasi isaan irratti banamuu kan himan jiraattonni, hanga gabaasni kun qindaa’etti hawaasni naannichaa naasuu fi yaaddoo hamaa keessa jiraachuus ONM’tti himan.


