ONM-ABO Fulbaana 18, 2024
Hawaasa ofiifuu waan nyaatu dhabee rakkatu Maqaa kaffaltii gosa adda addaan saamicha hamaa geggeessuun dinaagdee ilmaan Oromoo dadhabsiisaa kan jiran ergamtoonni PP yeroo ammaas haala duraan barameen olitti dinagdee hawaasaa quucarsuuf cimsanii hojjechaa jiru.
Haaluma kana fakkaatuun godina Lixa Harargee aanaa Gubbaa Qorichaatti lukkeeleen PP maqaa “deggersa raayyaa ittisa impaayerattii, ijaarsa manneen gandaa fi caasaa gandaa haarawwaa simanna” jedhuun jiraattota aanichaa irratti saamicha hamaa raawwachuu maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanii jiru.
Sababa kaffaltii waliin isaa hin beekamne kanaan hawaasni aanichaa garmalee dararamaa kan jiru yoo ta’u, ilmaan Oromoo harka qalleeyyii ta’an waan kaffalan dhabuun reebichaa fi hidhaan hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.

