• Sat. Mar 14th, 2026

Waraanni Raayyaa Ittisa Impaayera Itiyoophiyaa 2 Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugdaa Daawwaatti hidhannoo guutuun WBO’tti harka kennatan

Sep 22, 2024

ONM-ABO Fulbaana 18, 2024 

Waraanni Impaayera Itiyoophiyaa karaa hin malleen dhiibbaa garaagaraatiin fedhii isaa malee humnaan qabamuun gara mooraa leenjiitti guuramee leenjifamee bobbaafamus, bifa danda’e hundaan bakka cufatti mooraa Bilxiginnaa gadi dhiisanii harka kennachuu itti fufanii jiru.

Gareen maafiyaa kun ilmaan Oromoo itti yaadee hojii dhabeeyyii gochuu, jireenya itti qaalessuu fi qormaata Biyyoolessaan itti yaadee irra deddeebiin kuffisuu akka tooftaatti fayyadamuun abdii kutachiisee akkasumas gariin maallaqaan gowwomsee waraanatti guuree obbaasuun tarsiimoo isaa ture.

Ta’us ilmaan Oromoo fedha isaanii malee mooraa diinaa keessa waan turanii fi hojii dabaa Bilxiginnaa kana irratti hubatan carraa argatan hundatti fayyadamuun mooricha gananii ba’uu bakka cufaatti itti fufanii jiraachuun beekameera.

Haaluma kanaan waaraanni Raayyaa Ittisa Impaayera Itiyoophiyaa 2 qawwee fi hidhannoo guutuu waliin Fulbaana 17, 2024 godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaa ganda Biyyoo Qundhii jedhamu irraa WBO’tti harka kennataniiru.

Miseensota Raayyaa Ittisa Impaayeratti duraanii kanaaf simannaa ho’aa karaa WBO’n taasifameefitti baay’ee gammaduun isaanis mooraa diinaa bakka kaayyoo tokko malee akkasumaan du’an irraa kaayyoo haqaa saba isaaniitti dhufuutti guddoo gammaduu ibsataniiru.

Dhuma irrattis miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii kunneen ilmaan Oromoo qawwee diinaa baatanii mooraa diinaa keessa jiraniif lola isaan hin ilaallanne keessatti hirmaachuun meeshaa akka hin taanee fi mooricha gananii qabsoo bilisummaa Oromootti akka makaman dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading