• Fri. Jan 9th, 2026

Godina Lixa Shaggar aanaa Midaaqanyiitti jiraattota hidhuun cimee itti fufe

Sep 23, 2024

ONM-ABO Fulbaana 20, 2024

Loltoonni bilxiginnaa yeroo adda addaatti maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun badii tokko malee yakkanii jiraattota irratti reebicha, saamicha, hidhaa fi ajjeechaa raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Midaaqanyiitti jiraattota hidhuun cimee itti fufee jira.

Aanaa Midaaqanyii ganda Goosuu Wangee jedhamu irraa nama maqaan isaa Obbo Shoomaa Dhugaasaa jedhamu Fulbaana 17, 2024 badii tokko malee loltoonni sirnichaa yakkuun hidhaatti darbatanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.

Akka jiraattonni jedhanitti Obbo Shoomaan nama paartii siyaasa tokko keessa hin jirre ta’uu fi maqaa “ilma keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun yakkamee qabamuun waajjira Poolisii aanaa sanaatti dararamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading