ONM-ABO Fulbaana 24, 2024
Hayyuun uummataa beekamtuu fi Ministirri Dhimma Alaa Afriikaa Kibbaa duraanii Naaleedi Paandoor dura teessuu haaraa Faawundeeshinii Neelsan Maandeellaa ta’uun muudaman.
Onkoloolessa 1 bakka kana kan fudhattu ta’uu ibsi dhaabbatichi baaseen kan ibse yoo ta’u, bara 1999 erga hundeeffamee as nama sadaffaa ta’uun isheeti.
Ibsichi Paandoor bara 1990moota keessa yeroo bulchiinsa dimokiraasii Afrikaa Kibbaa jalqabaa Maandeellaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuu fi miseensota paarlaamaa Afrikaa Kibbaa yeroo dheeraaf tajaajilan keessaa tokko ta’uu yaadachiiseera.
“Addunyaa qormaata walxaxaa hedduu mudate keessatti, hambaa Maadiibaa (Maandeellaa) sochoosuun yeroo kamiyyuu caalaa barbaachisaa ta’a.
Faawundeeshiniin Nelson Maandeellaa iddoo haqaa hawaasummaa keessatti hojii murteessaa ta’e hojjechaa jira jedheen amana, gumaacha hiika qabu gochuufis hawwii guddaan eeggadha,” jedhan Paandoor.
Muddee darbe Afrikaan Kibbaa yeroo Paandoor ministeera haajaa alaa turte Israa’el irratti himannaa duguuggaa sanyii bantee turte.
Haa ta’u malee doorsisni akka ishee mudate himuun, kana booda nageenya isheef nageenya dabalataa akka barbaadde gaafachuu ishee Associated Press gabaaseera.


