• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Haramayaa keessatti hawaasa nagaa hidhuu fi saamuun jabaatee itti fufe

Oct 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Murni abbaa irree PP hawaasa nagaa badii tokko malee saamee garee isaa jabeeffachuuf kan dhama’u loltoota isaa kutaalee Oromiyaa cufa keessatti bobbaasuun gochoota suukkaneessoo adda addaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jira.

Haaluma kanaan godina Baha Harargee aanaa Haramaayaa keessatti hawaasa nagaa hidhuun itti fufee jira.

Fulbaana 26, 2024 gara ganamaa aanaa Haramayaa ganda Dhangaggoo bakka addaa Calleessa jedhamuun beekamu keessatti hawaasa saamuun kanneen didan ammoo hidhaatti darbachaa jiraachuun himamee jira.

Ergamtoonni bilxiginnaa badii tokko malee sababa waliin isaa hin beekamneen namoota maqaan isaanii: 

  1. Fuwaad Ahimad
  2. Kaamiil Alii
  3. Abbaa Saadamii fi
  4. Mahaammad Umar kanneen jedhamaniin “qarshii kuma sadi sadii   fidaa” jechuun yeroo isaan uummata aanichaa saaman isaan hidhaman kunneen  waan fidanii kaffalan dhabuun hidhaatti darbatamanii dararamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading