• Mon. Jun 8th, 2026

WBO’n Zoonii Madda Albuudaa Fulbaana 28-29, 2024’tti lola godina Gujii Bahaa Aanaa Waadaraa keessatti walitti fufiinsaan taasiseen mooraa Diinaa gandoota afur keessatti argaman to’annaa isaa jala oolche

Oct 1, 2024

ONM-ABO Fulbaana 30, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBO’n Zoonii Madda Albuudaa godina Gujii Bahaa aanaa Waadaraa keessatti mooraa waraana PP gandoota 4 irratti Fulbaana 28-29, 2024’tti walitti fufiinsaan tarkaanfii fudhateen  humna diinaa mooraa gandoota afurii keessaa baasuun to’atee jira.

Tarkaanfii kanaanis ergamtoota Abiy Ahimed 100 ol ajjeesee hedduus madeessuun loltoota Bilxiginnaa 6 harkaan yoo qabu, madoo ishee ammoo 5 booji’eera. Lola kanaanis meeshaalee waraanaa hedduu fi qorichoota garaagaraa hedduus irraa booji’uun galii mooraa qabsoof bilisummaa Oromoof taasiseera.

Gandootni WBO’n diina keessaa daaressee to’annoo isaa jala oolche:   

1. Ganda Booramaa Gaalessoo

2. Ganda Darba Hidhaa Diimaa

3. Ganda Eebbaa Iddaa

4. Ganda Gadamsoo ta’uun barameera.

Tarkaanfii guyyoota lamaan kanaatiin injifannoon gama meeshaatiin waraana maafiyaa PP irratti gonfatame: 

~ Qawwee AKM 25 

~ PKM 1

~ Rasaasota gargaraa hedduu

~ Uffata waraanaa 

~ Qorichootaa fi 

~ Galaa waraanaa hedduu irraa booji’uun galii moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof taasiseera. 

Suuraaleen meeshaalee fi qorichootaa akkasumas, galaa tiksitoota barcuma Abiy Ahimed irraa   booji’aman sababa rakkoo qunnamtii interneetiif yeroof hin arganne waan ta’eef akkaataa nu qaqqabeen dabalataan isiniin geenya.

Tarkaanfii WBO’n fudhatu itti fufa❗

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading