Seenaa Qabsoo Bilisummmaa Oromoo(QBO) kan ummata Oromoon waggoota 150 olii fi keessattuu bifa jarmayaan qindaahee immoo ganna 50 darbaniif taasifame keessatti, rakkoleen bifa gara garaa qaban mudataniiru. Rakkooleen gariin kan jiraachuu Jarmayaa gaaffii keessa galchan turani. Kaan ammoo rakkolee ijaarsa jaarmayaa hin jeeqne, garuu deemsa QBO jaarmayaan hogganamu daran karaa itti dheeressan; galma isaa fageessan turani. Hamiin xixiqqaan dhiyeenya kana ijaarsa WBO Giddugaleessaa (Lixa Shaggar) ilaachisee dhagahaman rakkoolee gosa lamanii irraa adda. Namoota dhuunfaa muraasa irratti tarkaanfii naamusaa qorannoo irratti hundaahee fudhatame irra wanti darbee rakkoo jarmiyaa jechisiisu homtuu hin jiru.
Duubatti deebinee seenaa QBO yoo ilaalle, rakkoolee buuraa, kan jiraachuu jaarmiyaa yookaan galma qabsoo gaaffii keessa galchaa turan duuba sababootni adda addaa turani. Isaan keessaa muraasa kaafna. Tokkooffaan, hogganni qabsoo dirree qabsoo irraa buqqauu ture. Bara Chartaraa booda, hogganni QBO wayyabni Oromiyaa ala ture. QBOs karaa hedduu ormarratti hirkattee turte. Ormi fedhiii fi faayidaa ofiif qofa qabsoo deeggara. Gaafa fedhii fi faayidaan isaa jijjiiirame, yookaan qaama biraan guutame, yookan guutama abdii jedhu horate, dhiibbaan ormi diidaan hoggana QBO irratti godhamu rakkoolee keessaa hedduu dhalchaa ture. Rakkoo dhiyeenyatti waggoota muraasa dura uumameef dhiibbaan diidaa kun sababa tokko ture.
Lammaffaan, dhimmaa kaayyooti. Hogganni itti baha QBO, fuulduree Oromoo fi Oromiyaa irratti yeroo adda addatti ejjeennoo wal simu dhabuunis tureera. Sirni ittiin adda addummaa yaadaa keessumeessan gabbatee ijaaramuu hanqachuu waliin wal qabatee, ejjennoo addaa tarnkaanfachiisuunis rakkoolee keessoo salphaa hin taane yeroon itti dhalche tureera.
Kan Sadaffaa, qabsoon hoggana facae harkatti kufuu ture. QBO hoggana addunyaa irra facaee lafa adda addaa jiraatuu, hojii gara garaa irratti bobbaheen adda durummaan hogganamuun dhiibbaa fide qaba. Hogganni faca`ee Oromiyaa ala lafa adda addaa jiraatu, rakkooleen xiqqaa, guddaa keessoo jaarmayaa keessatti yeroo uumaman sududaan walitti dhufee furmaata barbaaduu irratti hanqinni ture, rakkooleen keessoo yeroon akka hin furamne, guddaatanii rakkoolee kan biroo akka dhalchaniif shoora isaa taphateera.
Kan Afraffaa, dadhabina keessoo irraa kan ka´e ijaarsi waraanna Bilisummaa Oromoo, WBO laaffachuu ture. Ganna shan dura, baroota hedduuf WBOn lafa irratti akka malee laafuun mulatee ture. Jarmiyaan bilisummaa waraana jabaa hin qabne immoo, moicha siyaasaas tahe diploomaasii hin qabaatu. Moichi siyaasaa gaafa badu, hogganni sababoota addaa addaan walitti bua, quba walitti qaba. Kufaatii uumameef gaafatamaa wal taasisa. Ganda fi gosa yookaan amantaa jala dhokatee wal irratii duula.
Kuni hundi seenaa dha. Sababoonni ijoon jarmayaa jeeqaa turan amma hin jirani. Har´a qabsoon bilisummaa Oromoo guutummaa guutuutti, hoggana isaa waliin Oromiyaa keessa jira. Waraana goolee Oromiyaa hunda keessatti ijaaree bobbaaseera. Qabsoo ofiii fi ummata Oromoo qofa irratti hirkate gaggeessa. Dhiibbaan humnoota keessaas tahe diidaa irra hin jiru. Ofii karoorsa, ofii leenjisa, ofii dhiyeessa, ofii bobbaasa, ofumaa raawwata. Fulduree Oromiyaa irratti ejjeennoo wal fakkaataa hin daddaaqamne qaba. Kanumaafuu, dirree siyaasaa fi, diplomaasii irratti injifannoo cululuqaa galmeessuu jalqabe, itti fufas. Dabalataan, hogganni WBO amma Oromiyaa jiru, dogoggoroota hoggannoota darban mudatan hedduu irraa barate, hoggana dhaloota qubee ti. Kanaafi kaardiin Bilxiginnaa hundumtuu, kaardii dhimma Giddu Galaa dabalatee, harkatti kan gubachaa dhufe. Hoggani WBO qormaata hedduu keessa qoramee akka sibiilaatti jabaatee baheera. Bilxiginnaan garuu yaalii barii gatate, kaardii suubii gubate, gangalchuu itti fufteetti. Waraana diidaa marsaa hundaan itti qindaahaa jiru qolachuuf keessoo biyyaa tasgabbeessuurra, Billxiginnaan ammayyuu mandara keessa naannoftee diigumsa uumuuf yaaluu hin dhiiftu. Yaaliin Giddugala Oromiyaatti xaxamee tures jioota dura furga`ee, gubatee, gatame.
Ji`oota muraasa dura, dhimmoota naamusaa jajjaboo irratti qorannoo dheeraa erga godhee booda, hogganni ABO-WBO namoota dhuunfaa hoggana WBO zoonii Giddu Galeessa Oromiyaa keessa turan muraasa irratti, tarkaanfii naamusaa fudhatame beeksise. Diina waliin hojjechuun namoota kanaa erga ragaa shakkii hin qabneen (incontrovertible evidence) mirkanaahee booda, murtoo hogganni ABO-WBO zoonii hundumaa, hoggana zoonii giddugalaa dabaltee, dabarsan, Ajajaan Olaanaan dhaabichaa turtii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisaniin ifatti beeksisani. Waraaanni namoonni tarkaanfiin naamusaa irratti fudhatame kun hogganan homtuu akka hin jirree fi hogganni Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Gidduu Galeessaa durumaa (ji´oota torba dura) Jaal Abdii Dhugaatti dabarfamuun ibsame.
Dabalataan, torban darbe, itti aanaan Ajajaa Olaanaa dhaabichaa murtoo kana irratti ibsa dabalataa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irratti keennan. Ajaajaan WBO Giddugalessa Oromiyaa illee gantummaa namoota tarkaanfiin naamusaa irratti fudhatamee jala muruun waraana Giddugaleessa Oromiyaa hoggana isaanii jala jiru waliin walitti dhufeenya akka hin qabne BBCf mirkaneessan.
Namoonni tarkaanfiin naamusaa irratti fudhatame kun, duraan humnoota Bilxiginnaa fi aangawoota Rayyaa ittisa biyyaa waliin dhoksaan wal quunnamaa turani. Sanaaf ragaa hedduutu nu harka ture. Boodarra garuu dubbiin ifatti bahee mulate. Angawwoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Bilxiginnaa, namoota tarkaanfii naamusaa WBOn irratti fudhate keessaa tokkoof karaa Sagalee Ameerikaa (VoA) Sagantaa Afaan Oromoo fi BBC Afaan Oromoo turtii akka taasisu haala mijeessani. Kana midiyoonni kun ofii isaanii mirkaneessaniiru. Itti fufuun «Jeneraallonni» Bilxiginnaa illee ifatti bahanii deggarsa isaanii argisiisani. Hara immoo Shimalis Abdiisaa sududaan koottaa galaa, isin eegaa jirra jedheera. Carraa gaarii hawwinaaf.
Sududuma keessoon jarmayaa qulqullaahaa deemeen, Oromoon rarraga bilisummaan gaha!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajaja Olanaa ABO-WBO
Onkoloolessa 10, 2024

Baay’ee gaariidha.Bilchina jechuun akkas!!! Ulfaadhaa, ammayyuu dallaan WBO tiksu kan ammaa caalaatti jabaachuu qaba
Galatoomaa Jaal!