ONM-ABO Onkoloolessa 17, 2024
Koloneel Abiy Ahimed akkuma gara aangootti dhufeen haadha ulfaa da’umsaaf hospitaala geeffamaa turte godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambii Dollootti loltoonni isaa ajjeesuun kan yaadatamu yoo ta’u, hanga har’aattis haadhi Oromoo kabaja dhabuun, gudeedamuu, ulfaan hidhamuu fi daa’ima xiqqaa waliin hidhamuu irratti argamu.
Bifuma kanaanis Onkoloolessa 15, 2024 aanaa Qondaalaa ganda Boojjii-Gaara Arbaa iddoo addaa Laga-Shiyaa jedhamutti haadha maqaan ishee aadde Ibsitu Abdallaa jedhamtu deessee guyya sadaffaa isheetti daa’ima dhiigaa waliin qabamuun mana hidhaatti darbatamtee hiraarfamaa jiraachuun dhagaa’ameera.
Kana malees nama maqaan isaa Obbo Yaasin Usoo jedhamu abbaa afooshaa ta’ee kan hawaasa tajaajilu badii tokko malee waraanni garboomfataan PP rasaasa itti dhukaasuun miilla isaarra rukutanii madeessuun qabanii hidhanii jiraachuun kan himamu yoo ta’u, ganduma sanaa dargaggoo Abdii Adam jedhamus qabanii hidhanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.


