• Wed. Jun 24th, 2026

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Baabboo Gambeel keessatti hawaasa nagaa hidhaatti guuruun cimee itti fufe

Oct 23, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 16, 2024 

Bututtuu impaayera Itiyoophiyaa jiguuf qarqara irra jirtu utubuuf jecha, uummata nagaa dararuu filannoo isaa kan godhate murni nama nyaataan bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti uummata nagaa adamsee hidhuu itti fufee jiraachuun ni beekama.

Onkoloolessa 9, 2024 waraanni goolessaan sirnichaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Shimal Tokkee jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Aadde Amiinaa Bakrii,
  2. Idaaree Tasfaayee,
  3. Adaanee Daarfusaa,
  4. Obbo Imaanaa Dhaabaa,
  5. Kadir Ittaanaa,
  6. Kumarraa Tarreessaa fi
  7. Mitikkuu kanneen jedhaman badii tokko malee mana jireenyaa isaaniitii ukkaamsanii mana hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Namoonni kunneen badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamuun hidhamanii dararamaa kan jiran ta’uun eerameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading