• Tue. Mar 31st, 2026

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti manneen qonnaan bultootaa hedduun waraana faashistii PP’n gubachuun himame

Nov 1, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2024 

Godinaalee Oromiyaa adda addaatti sarbamiinsa mirgoota namoomaa bifa qindaa’ee fi badiitti hawaasa geessu loltoota koloneel Abiy Ahimediin taasifamaa jiru egeree sabichaatti yaaddoo cimaa ta’ee jiraachuu jiraattonni bakkoota adda addaa irraa rakkoo keessa jiran ibsan.   

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo  ganda Riphaa Soyyomaa iddoo addaa  Laga Odaa , Laga Shinii  fi Shanqatee  jedhamuun beekamu bakka uummanni Oromoo baha Oromiyaa irraa rakkoo hoongee fi lola  naannoo Somaalee irraa irratti baname dheessuun bakka tokkotti  qubatee jirutti waraanni garboomfataan PP Onkoloolessa 22 fi 23,2024  gubaatii manneenii kan baay’inni isaa 36 ol ta’e irratti taasisuun himameera. 

Laga Odaatti manneen baay’inni isaa 23, Laga Shiniitti  10 fi fi  Shanqateetti ammoo manneen 3 ol ibidda itti shiduun barbadeessuun ifoomeera.

Manneen hawaasaa keessatti uffannaa, nyaata, midhaan gosa addda addaa kan barbadeessan ogguu ta’u, kana malees iddoo addaa Odaa jedhamu irraa  maanguddoo ganna 80 olii ibidda shidamaa boba’aa jirutti darbuun miidhaa cimaa irratti taasisuu fi shamarran hedduu irrattis gudeeddii raawwachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading