• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti maanguddoon biyyaa fi dargaggeessi tokko hidhattoota sirnichaan yoo madaa’an, meeshaalee gurguddaa qe’ee hawaasaa irratti dhukaasuun jiraattota hedduus qe’ee irraa buqqisan

Nov 1, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Murni bilxiginnaa waraana kumaatamaa fi meeshaalee gurguddaa taankii, dishqaa fi ZU-23 fayyadamuun guutuu Oromiyaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessina jedhuun baay’ina namaa fi meeshaa gurguddaatti amanuun loltoota isaanii haa bobbaasan iyyuu malee, abbaa haqaa fi mancaasaa gabrummaa WBO dura dhaabbachuu dadhabuun of booda deebi’anii hawaasa nagaa maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun ajjeesuu, hidhuu, manneen irratti gubuu, saamuu fi qe’ee irraa buqqisuun dararrii adda addaa uummata nagaa irratti raawwachuu itti fufaniiru. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa ganda Marar keessatti Onkoloolessa 24, 2024 waraanni fi milishoonni sirnichaa waliin ta’uun namoota nagaa lama maanguddoo abbaa ilmaan 8’ti kan ta’an Obbo Muusaa Gariibaa miilla isaanii irra rukutuun, dargaggoo Asoolii Ariibaa ammoo harka isaa irra rasaasaan madeessanii biraa deemuu namoonni ijaan argan ONM’tti himan.

Akka jiraattotni ganda Marar jedhanitti, namoonni loltoota faashistii PP’n madaa’an kun qonnaan bultoota ta’uu himuun, hidhattootni murna Bilxiginnaa kun ganamuma sana Onkoloolessa 24, 2024 ganda Mararitti tarkaanfii guggubduu jajjabeen WBO irratti fudhachuun du’aa fi madoon adabee, loltoota maafiyaa PP’s irraa booji’een baaraagadee of booda deebi’uun namoota nagaa jimaa dhaabaa jiran maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun dhukaasa irratti banuun maanguddoo biyyaa fi dargaggoo tokko madeessanii  iddoo isaan kufanitti miillaan lafatti dhiituun, maanguddoo silaa kabajni maluu  fi dargaggoo abdii biyyaa ta’e irratti gochoota ciiggaasisoo raawwachaa turuu jiraattotni gandichaa hadheeffatanii dubbatu. 

Namootni madaa’an kunneen yeroo gabaasni kun qindaa’etti yaala tokko kan hin argannee fi hawaasni naannoo walitti yaa’uun yaala geeffanna jedhanii dubbatanis, gareen naasuu dhala namaaf  hin qabne kun maaliif yaalchiftu? inumaa du’atu isaaniif mala ture jedhanii qaanii tokko malee dubbachaa turuu maddeen gabaasan.

Guyyuma namoota nagaa kana madeessan ganda Mararitti dishqaa fi ZU-23  qe’ee hawaasaa keessa dhaabbatanii dhukaasuun qabeenyaa namoota hedduu mancaasuu fi jiraattota lakkoofsaan baay’ee ta’an qe’ee irraa buqqisanii manneenii fi ooyiruu namootaa iddoo buufata isaanii taasifatanii turuun ibsameera.   

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading