ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024
Godina Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan keessatti kaleessa Onkoloolessa 25, 2024 miseensotni waraana Bilxiginnaa sabaan Agawoo ta’an 2 qawwee AKM Turkii 2 fi rasaasa 60 qabachuun mooraa sirnichaa gananii WBO’tti harka kennatanii jiru.
Akka miseensonni kun jedhanitti mooraa impaayericha keessaa maqaa “seera kabaachiisuu” jedhuun bobbaana garuu fallaa seeraa akka nuti hojjennu nu dirqiisisu jechuun, hojiiwwan farra mirga namoomaa mana uummata nagaa gubuu, horii uummataa kan WBO’ti jechuun saamuu, uummata nagaa siyaasa kam irraa walaba ta’ee mana isaa keessa jiraatu ajjeesuu, qabanii hidhuu fi reebuu irratti raawwatu jechuun ibsan.
Miseensotni waraana Bilxiginnaa yakka gudeeddii raawwatanis seeraan hin gaafataman, hooggantootni yakkoota ni jajjabeessu, kun immoo faallaa seeraa waan ta’ee fi akka nuti mooicha cabsiinee banuuf nu kakaaseera jedhan.
Itti dabaluun mooraan waraanaa murna Bilxiginnaa guyyaa gara guyyaatti diigamiinsa hamaa keessa galee jira jechuun guutuu impaayerichaa keessatti lolli deemaa waan jiruuf miseensotni irra guddaan gara naannoo isaatti galee roorroo saba isaa irratti Bilxiginnaan geessisaa jiru qolaachuu barbaada jedhan.
Saba kam irraayyuu dhalatee kanneen miseensa waraana Bilxiginnaa ta’ee jiru, Bilxiginnaan waan isa hin baasnee fi farra dhala namaa waan ta’eef gananii akka ba’an dhaamsa dabarsaniiru.



