• Fri. Sep 25th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa gandoota adda addaa irraa tajaajilli quunnamtii adda citee jiraachuun ibsame

Nov 2, 2024

ONM-ABO Onkoloolessa 26, 2024 

Murni garboomfataa PP gama isaaf danda’ame maraan ilmaan Oromoo irratti hacuuccaa garmalee raawwachaa kan oolu, akka hawaasni wal hin quunnamneef goleewwan Oromiyaa adda addaa keessaaa tajaajiloota qunnamtii adda kutuu itti fufee jira.

Aanaa Ada’aa Bargaa keessaa ergamtoonni bilxiginnaa gandoota akka: Iluu Muxee, Ejeree Nagawoo, Kaaloo, Iluu Daansee fi kanneen biroo hedduu irraa tajaajila qunnamtii bilbilaa fi interneetii  erga balleessanii torbee lama guutee jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Aanaa sana keessatti dararaa hamaa uummanni argaa jiru heddummachuun waajjira poolisii aanichaa fi bakkeewwan hedduutti namoonni 963 ol ta’an hidhamanii garmalee dararamaa jiraachuus maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading