ONM-ABO Sadaasa 6, 2024
Saamichaan dinagdee uummatichaa kuffisuu irratti kanneen bobbaafaman waraanni koloneel Abiy Ahimed Oromiyaa bakkoota hundatti qabeenya uummata nagaa, horii lubbuu qabdu irraa kaasee hanga qodaa mana keessatti qawwee of harkaa qabanitti dhimma ba’uun kan saaman yoo ta’u, kan fudhachuun itti ulfaatu ammoo gubanii barbadeessaa jiraachuun ni beekama.
Haaluma kanaan murni qarree kufaatii irra ga’e sirni badiin bilxiginnaa ji’a darbe jechuun walakkeessa baatii Onkoloolessaa keessa namoota godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana-Sibuu magaalaa Mandii irraa abbootii qabeenyaa jedhaman qabuun waajjira poolisiitti hidhanii maallaqa kaffaltan malee hin baatan jechuun mala ittiin saaman baafatanii hojjechaa jiraachuun barameera.
Akka Arraatni Biyyoolessa Oromiya jiraataa magaalaa Mandii tokko odeeffatetti guyyaa namoota kana hidhan bilbiloota isaanii irraa fuudhanii sakatta’aa turan jechuun nama maqaan isaa Obbo Abbabee Taayyee jedhamus hidhanii bilbila harkaa isaa irraa fuuchuun lakkofsa Herrega Daddabarsa Maallaqa isaa fudhachuun tikni waraana bilxiginnaa maqaan isa Yihuun jedhamu qarshii 700,000 gara obbolessa isaatti yeroo dabarsu manni baankichaa maatii Obbo Abbabee Taayyeef eeruu laachuufiin akka saaxilamu ta’ee jira.
Abbaan qabeenyaa magaalaa Mandii Obbo Abbabee Taayyee battala eeruu sana dhaga’etti manuma hidhaa sana keessatti mataa qabatee iyyee yeroo namootatti iyyasaa dhageessifatutti garee saamicha raawwate kana gidduutti mormiin uumamuun, mormiin kun jabaatee koloneel Mokkonnon fi Yihuunfaa gidduutti wal dhabdee cimaa uumameen qarshii 600,000 deebisuun 100,000 qooddachuun walii isaaniis hidhanii jiraachuun ibsameera.

