ONM-ABO Sadaasa 6, 2024
Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Oromiyaa keessatti badii akka geggeessuuf murna Bilxiginnaan tumsamee meeshaa hidhachiifamee fi bulchitootni sirnichaa harka lafa jalaan wal ta’uun hawaasa nagaa irratti miidhaalee adda addaa ajjeechaa, dabalatee namoota ukkaamsanii maallaqa humnaa olii gaafachuu, gubaatii manneenii, buqqaatii fi saamicha qabeenyaa raawwachaa jiran daran jabeessanii itti fufaniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaatti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon quba qabeenya bulchitoota sirnichaan Onkoloolessa 30, 2024 ganda Algee seenuun loon 9, kan Sarboo Ahimed fi namoota maqaan isaanii adda hin baane hedduu jalaa saamuun osoo warreen qaama nageenyaa ofiin jedhan ilaalaa jiranii ooffatanii deemuu namoonni gochaa kana ijaan argan ONM’tti himaniiru.
Oduu hidhaatiin ammoo aanichuma ganda Qoollaash jedhamu keessaa waraanni faashistii PP namoota nagaa baay’inni isaanii 20 ol ta’an Ammad Hasan Adam fi Adam Ammee kanneen jedhaman dabalatee reebicha ulfaataa irraan ga’uun konkolaataa keessa buusanii Shawaa Roobiit geessina, manni hidhaa magaalaa Sanbatee guuteera waan ta’eef jechuun fuudhanii kan deeman ta’uu fi Shawaa Roobiit maqaa dha’uun hidhamtoota kana haa fe’an iyyuu malee yeroo ammaa eessaan akka ga’anii jiran hin baramne jechuun maatiin namoota kanneenii imimmaaniin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
