• Fri. Mar 27th, 2026

Godina Walloo Magaalaa Kamisee keessatti daldaltoonni hedduun saamicha murna bilxiginnaan irratti geggeeffamuuf jecha hojii daldalaa dhaabaa jiraachuu dubbatu

Nov 12, 2024

ONM-ABO Sadaasa 12, 2024 

Dinagdeen impaayerattii harkatti laamsha’uun waan qabanii fi gadi dhiisan wallaaluun lukkeeleen Bilxiginnaa, akkaataa ittiin qabeenya uummataa saaman guyyuu soqachuun kaffaltii gosa garaa garaa itti dha’anii saamicha daldaltoota irratti raawwatan magaalaa Kamisee keessatti kan duraa caalaatti jabeessanii itti fufanii jiraachuun ifoomeera. 

Yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa uummatatti hammaachuun harkaa gara afaaniitti deebi’anii ilmaan isaaniitti illee huccuu fi kophee waan ittiin jijjiiran dhabuun rakkachaa jiranitti, ergamtootni murna Bilxiginnaa ammoo afaan qawwee itti qabuun kaffaltii gosa garaa garaa uffataa fi nyaata milishaa, gibira humnaa olii, inshuraansii fayyaa, maallaqa waliin isaa hin beekamnee fi qaraxa maqaa jedhuun saamicha daangaa hin qabne gaggeessaa oolu. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa daldaltoota magaalicha keessatti uffata, kophee fi wantoota adda addaa gurguran  qaraxa bara 2023 qarshii 50 kaffalchiisaa turan, bara 2024 baatii Hagayyaa  keessa ammoo 400’tti kan ol guddisan yoo ta’u, Kamisa darbe Sadaasa 7, 2024 irraa eegaluun ammoo 1000’tti ol guddisuun daldaltootni magaalichaa waan kaffalan dhabuun yoo hin qabnu jedhan hidhaa fi reebicha waan ta’eef hojii daldalaa isaanii dhaabanii jiraachuu daldaltootni magaalicha irraa dubbisne tokko tokko Arraata  Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka daldaltootni kun itti dabaluun jedhanitti, nuti gaafa hojii daldalaatti seennu akkuma nama tokkootti jireenya keenya jijjiiruu fi ijoollee keenya ittiin guddifachuuf waan qabnu harree fi lukkuun osoo hin hafne gurguruun of jijjiiruuf tattaaffachaa turre, garuu faallaa kanaa of jijjiiruun keenya hafee lukkeeleen Bilxiginnaa kaffaltii gosa garaagaraa nu gaafatu, yoo hin qabnu jenne reebamnee hidhamna, kanaaf bu’aa argannu irra kasaaraan nutti waan baay’ateef hojii daldalaa dhaabneerra jedhan.

Hojii nuti ittiin jiraannu irraa erga dhaabbannee nutis maatiin keenyas rakkoo jireenyaaf saaxilamnee jirra jechuun rakkoo isaanii dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading