• Sun. Jan 11th, 2026

Irree fi gaachanni sabaa WBOn godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasaa keessatti diina du’aa fi madoon adabee

Nov 17, 2024

ONM-ABO Sadaasa 17, 2024

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina maqaa sakkaattaa WBO jedhuun bobbaate tarkaanfii haxxeen irratti fudhateen gargar bittimsuun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Haaluma kanaan aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Coofiraa Shaashee keessatti guyyaa har’a Sadaasa 17, 2024 ergamtoota sirna dulloomaa kan maaliif akka waraana taate hin beeknee kan hojiin ishee guyyaa guyyaan uummata nagaa qawween doorsisuu qofa ta’e gooftichi haxxee itti hidhuun nama 10 ajjeesee 15 madeesseera.

Humna reebuuf bakkoota akka Muneessaa, Gadab-Hasaasaa, Qoree fi Boqojjii irraa dhuftees rasaasaan akaa’uun of boodaa deebisee bosona keessa akka facaatu taasisee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading