• Wed. May 6th, 2026

Loltoonni Biraazil yeroo walgahiin Garee G20 jalqabuuf jirutti magaalaa Riyoo keessatti dhukaasa banan

Nov 19, 2024

ONM-ABO Sadaasa 19, 2024 

Hooggantoonni Garee dinagdee gurguddoo 20 magaalattii keessatti walga’uu jalqabuu isaanii sa’aatii muraasa dura naannoo mana jireenyaa magaalaa Riyoo de Jaaneerootti dhukaasni qawwee geggeeffamuu poolisiin waraanaa Biraazil Wiixata kaleessaa beeksiseera.

Taatee Wiixata kaleessaa mudateen namni miidhame akka hin jirre ibsichi kan ibse yoo ta’u, naannoo hawaasa tulluu Cidaad de Deyus jiraatan kan bakka walga’ii G20 irraa fagoo ta’e kana poolisiin marsee jira.

Riyoo de Jaaneerootti loltoonni poolisii cimsuun yeroo walgahiin kun gaggeeffamutti nageenyi cimee jira.

Hoggantoonni G20 walgahii kanaaf Wiixata ganama Muuziyeemii Aartii Ammayyaa Riyoo de Jaaneeroo gahuu kan jalqaban yoo ta’u, prezidaantiin filataman Ameerikaa Doonaald Tiraamp aangootti deebi’uu isaaniitiin sirna addunyaa irratti jijjiirama fiduuf qophaa’uu irraan ta’uu Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading