• Thu. May 14th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Liiban Jaawwiitti hawaasa nagaa hidhuun akkaan cimee itti fufe

Nov 27, 2024

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024 

Akka feeteen  loltoota garboomfataa koloneel Abiy Ahimed goleewwan Oromiyaa cufa keessaa sababoota adda addaan yakkuun ilmaan Oromoo hidhaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Liiban Jaawwii ganda Agalgobboo Basaallee keessaa ergamtoonni maafiyaa PP Sadaasa 22, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Asheetuu Mokonnon,
  2. Asheetuu Kabbadaa,
  3. Taammiruu Mangistuu,
  4. Warquu Mokonnon,
  5. Taammiruu Hirkoo,
  6. Tashoomaa Baqqalaa,
  7. Mangistuu Tarreessaa fi kanneen maqaan isaanii ammaaf adda hin baane hedduu hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, namoonni kunneen hundi isaaniiyyuu hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu fi ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “isin seelii Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun hidhuu dubbataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading