ONM-ABO Sadaasa 25, 2024
Haleellaa Israa’el guutuu Gaazaatti raawwateen yoo xiqqaate namoonni ja’a ajjeefamuun, ajajni haaraa humnoota Israa’el naannoo magaalaa Gaazaatii akka baqatan dhaaman.
Dilbata kaleessaa haleellaan Israa’el hanga ammaatti Nuseyiraat keessatti raawwatteen nama tokko fi Magaazi keessatti nama lama galaafattee jirti.
Kaaba Gaazaa, kan humnoonni Israa’el jalqaba Onkoloolessaa irraa eegalee marsan keessatti, Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka jedhetti, Hospitaalli Kamaal Adwaan irratti haleellaan raawwatameen, daayreektarri isaa Hussam Abu Safiyaa madaa’eera.
Dubbi himaan Ittisa Siivilii Gaazaa Mahaammud Basal dhaabbata oduu AFP’tti akka himanitti, Abu Saafiyaan sababa ciccitaa sibiilaatiin dugdaa fi qoma bitaa isaa irratti miidhaan irra gahe garuu amma hospitaala keessatti haala “tasgabbaa’aa” keessa jira jedhan.
Hospitaalli Kamaal Adwaan hospitaalota sadan kaaba Gaazaa keessatti hojii rakkinaan hojjechaa jiran keessaa tokko yoo ta’u, humnoonni Israa’el hojjettoota yaalaa to’annaa jala oolchuu, ari’uu fi meeshaaleen yaalaa hatattamaa akka hin dhaqqabne dhorkaniiru.
”Kaaba Gaazaa keessatti gareen ittisa siiviilii, ambulaansii ykn ogeeyyiin fayyaa gargaarsaa hin jiran.
Kunis gadadoo dabalataa dabalaa jira sababiin isaas carraa namni kamiyyuu si baraaruuf gargaaru argachuu yoo dandeessellee gareewwan si gargaaran ykn lubbuu kee baraaran hin jiran,” jedhu jechuun AFP gabaaseera.


