ONM-ABO Sadaasa 26, 2024
Saayinsii fi sansakkaan waraanummaa tokkollee kan irraa hin calaqqisne, barcuma murna tokkoo qofa tiksuuf kan bobbaafaman waraanni koloneel Abiy Ahimed, gochoota dhageettiifuu gurra namaatti hin tolle guyyaa irraa gara guyyaatti uummata nagaa irratti raawwachuu jabeessuun, godina Baha Wallaggaa aanaa Billoo Boshee fi Lixa Shaggar aanaa Daannootti namoota 2 rasaasaan madeessuun himamee jira.
Aanaa Billoo Boshee ganda Caffee Konchii jedhamu keessaa Sadaasa 19, 2024 waraanni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Tolaa Imaanaa jedhamu rasaasaan akka bineensaatti rukutanii madeessuun, yeroo ammaa kana Hospitaala Riferaala Magaalaa Naqamtee keessatti du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen jiraattota rasaasaan waaduu ittuma fufuun, aanaa Daannoo ganda Iluu jedhamu keessaa nama maqaan isaa Fayisaa Tarreessaa jedhamu maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun rasaasaan rukutuun bakkeetti gatanii deemuun birmannaa hawaasni naannoo taasiseefiin kaafamuun yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduu jiraachuu maddeen himan.
Akka maddeen himanitti, namoonni rasaasa waraana garboomfataa PP’n madaa’an kunneen hirmaannaa siyaasa garee kamiiyyuu kan hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti illee jaallatamummaa guddaa kan qaban ta’uu himuun, yeroo ammaa kana akkuma godinoota kanneeniitti ergamtoonni sirnichaa uummata nagaa ba’aa fi gala dhorkachuun gidiraa hamaa irraan geessisaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.



