• Wed. May 6th, 2026

Godina Matakkal Aanaa Buleenitti hidhaa fi doorsisni jabaachuu jiraattonni ONM’tti himan 

Nov 30, 2024

ONM-ABO Sadaasa 26, 2024 

Siyaasa kiyyaan mormitu jechuun hawaasa nagaa hidhaan dararuu, manneen isaanii irratti gubuu fi qabeenya isaanii mancaasuun, jireenya qonnaan bultootaa barbadeessuu akka gootummaatti kan himatu Bilxiginnaan, dachee Oromiyaa goolama siyaasaatiin uwwisee jira

Dhaabbileen mirga namoomaa, ogeessotni mirga dhala namaa impaayerattii keessa jiranii fi dhaabbilee biroon sarbamiinsa mirgoota namoomaa adeemaa jiruuf bulchiinsa impaayerattii gaafatama jala galchuuf yeroodhaa yerootti kan akeekkachiisan ta’us, murnichi garuu daranuu hojii hamminaa isaa goleewwan Oromiyaa cufaa fi Oromoota naannolee Oromiyaan ala jiran irratti cimsee itti fufuun godina Matakkal aanaa Buleenitti qotee bultoota irraan miidhaa jabaa geessisaa jiraachuun dhagaa’ame.

Hidhaa fi reebichi waraana garboomfataa PP’n uummata aanaa Buleen irratti jabaachuu jiraattotni himuun Sadaasa 20, 2024 irraa jalqabuun hawaasni maqaa WBO’f eeruu laattuun jumlaan hidhamaa kan jiru ogguu ta’u, namoota maqaan isaanii Waaqtolee Nagarii, Baayyisaa Siyyuum, Destaaw Birhaanuu fi kanneen biroo hedduun hidhaatti darbatamuun hiraarfamaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading