ONM-ABO Sadaasa 26, 2024
Koloneel Abiy Ahimed ergamtoota isaa gubbaa hanga gadiitti of jala hiriirsuun afaaniin waa’ee nagaa lallabaa ifatti ammoo, amala abbaa irrummaa isaa agarsiisuun ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessaa gama isaaf danda’ame maraan hacuucuun rakkoo ulfaataa irraan ga’aa jira.
Sadaasa 22, 2024 hiriira mormii barattoonni Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessatti adeemsisan bu’uura godhachuun loltoonni faashistii Abiy Ahimediin bobbaafaman Yuunivarsiitii Jimmaa irraa barattoota hedduu irratti reebicha ulfaataa qaama laalessu raawwachuun, barsiisaa maqaan isaa Toofiq Gaalii jedhamu bakka inni barsiisuu qabanii hidhaatti darbachuun, barattoota lama kanneen maqaan isaanii ammaaf adda hin baane ammoo ukkaamsanii achi buutee isaanii dhabamsiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Kaabineen gocha kana dura bu’ummaan qindeesse nama maqaan isaa Naziif Mohaammad jedhamu fi waraana sirnicha tiksuuf bobbaafaman kan itti yaame hoggaa ta’u, barattoota hiriira mormii ba’an irratti reebichaa hanga bakka buutee isaanii dhabamsiisuutti kan geessise ta’uus himaniiru.


