• Mon. Jan 5th, 2026

Godina Kaaba Shaggar Ona Kuyyuu keessatti hidhattoonni PP meeshaa gurguddaa dhukaasuun lubbuuf qabeenyaa uummataa irraan miidhaa geessisuu jabeessanii itti fufanii jiru

Dec 1, 2024

ONM-ABO Sadaasa 27, 2024 

Duula ijibbaataa jabaa uummata Oromoo irratti meeshaalee qabu cufaan tarkaanfii fudhachuu  jabeessuun uummata nagaa  qe’ee fi qabeenyaa isaanii irratti lubbuu fi qabeenyaa isaanii ala gochuu jabeessee itti fufee jira.

Godina Kaaba Shaggar onoota hedduu keessatti sirni cunqursaan abbaa irree PP meeshaalee gurguddaa dirree waraanaa irrattiyyuu fayyadamuun seera addunyaan dhorkamaa ta’e uummata nagaa irratti dhukaasee lubbuuf qabeenya namaa barbadeessaa jiraachuu jiraattonni himatu.

Sadaasa 23, 2024 ona Kuyyuu gandoota Baadiyyaa hunda jechuun kan dandaa’amu dhukaasa meeshaalee gurguddaa kana itti dhukaasuun namoota oomisha ooyiruu irraa sassabachaa jiran meeshaa gurguddaa kana irratti dhukaasuun midhaan isaanii jalaa mancaasuu dubbatan. 

Ona Kuyyuu magaalaa Garba-Gurraachaattis sirni shororkeessituun abdii ofirraa muratte kuusaa bishaanii magaalaa Garba-Gurraachaa keessa jiru Sadaasa 25, 2024 rukutuun akka uummataaf tajaajila hin kennine gochuun rakkoof saaxilanii jiraachuus dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading