ONlM-ABO Muddee 30, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa Duulaa Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf bobba’een loltoota impaayeera dulloomaa Itoophiyaa suphuuf jecha ummata hiraarsaa ooltu mooraa keessatti itti marsuun iirribaa dhorkee wareersuun mooricha keessa baqachiisee jira.
Tarkaanfii kanas halkan edaa Muddee 29, 2024 aanaa Muuneessaa magaalaa Qarsaa mooraatti itti seenuun haleellaa taasiseen loltoota 3 ajjeesee 5 yoo madeessuu injifannoo boonsaa galmeesse jira.
Haaluma wal fakkaatun Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa dheengadda Muddee 28, 2024 aanuma kana ganda Heeban Dhubboo keessattis diinaa maqaa sakkaattaa WBO jedhuun duulaa cichoominaan kaayyoo fashaleessuuf bobbaate haxxee itti hidhuun haleellaa fudhateen loltoota PP 5 ajjeessuun 3 madoon adabee gara magaalaa irra dhufteetti of duubaa deebise jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗

