ONM-ABO Muddee 31, 2024
Saayinsii waraana biyya tokkoo kan hin beeknee fi naasuu tokkollee uummata Oromoof kan hin qabne waraanni impaayera Itiyoophiyaa, goleewwan Oromiyaa adda addaatti bakka saayinsiin waraanaa nama hin dhaabne hunda dhaabbachuun ilmaan Oromoo dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne uummata cufa irratti dararaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiru.
Gandoota baadiyyaa aanaa Sulula Fincaa’aa hunda keessaa uummata hedduu loltoonni PP maqaa adda addaa itti maxxansuun sobaan yakkanii namoota 500 ol hidhanii garmalee dararaa kan jiran ta’uu fi kaabineen PP maqaan isaa Faantahuun Taaddasee jedhamu uummata garmalee dararaa kan jiru hidhamtoota sanaan “isin maandhee WBO’ti, isiniin mitiitii faana kophee keessanii arguu hin fedhu” jechuun uummatatti dhaadachaa kan jiruu fi kaabineen kun sabaan Amaaraa akka ta’e maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Godinuma kana aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu Jimmaa bakka addaa Tulluu Guddannee jedhamutti Muddee 27, 2024 qonnaan bultoota maqaan isaanii:
- Silashii Qanaasaa,
- Faqqadee Cimdeessaa,
- Nugusaa Likkiisaa,
- Mootii Giddumaa,
- Habtaamuu Dhugaasaa fi
- Nagaroo Offolaa warreen jedhaman
qabanii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni qabaman kunneen dirqiidhaan bakka daboon boqqolloo cabsaa jiranii waraanni bilxiginnaa itti marsuun ukkaamsanii hidhaatti darbachuu dubbatu.
