ONM-ABO Muddee 31, 2024
Eegdonni teessuma isaa guyyuu WBO’n ajjeefamaa, booji’amaa fi madoon adabamaa kan oolan Bilxiginnaan gaagaa’ama waraanaa dirree lolaa irratti isa mudatan irraa dandamachuu dadhabuun ammas ilmaan Oromoo xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne afaan qawween walitti guuree kan yeroo kamuu caalaatti soora rasaasaa gochuuf hojjechaa jira.
Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanaalee akka Begii fi Qondaalaa keessatti hammeessanii kan jiran oggaa ta’u, gandoota aanaa Qondaalaa kanneen akka Waanjaa Cirrii, Waanjaa Macabaraa, Shaggaa Kaabbachee, Hoophaa Qashimaandoo keessaa qabanii yemmuu deemsisan, dargaggooonni ganda Waanjaa kanneen maqaan isaanii:
- Adam Sudaanee,
- Kamaal Yaasinaa,
- Raamadaan Haaruun,
- Tamaam Kaasahee fi
- Barsiisoo Dosaa jedhaman
bakka leenjiitii miliquun lubbuu isaanii akka baafatan odeessi jiraattota irraa nu qaqqabe ni addeessa.
Namoota ukkaamfaman kana keessas dargaggooonni fi maanguddoonni ganna 70 keessatti akka argaman maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.



