• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Wanciitti waraanni faashistii PP hojjettoota isaanii jumlaan hidhaatti darbachuun himame

Jan 4, 2025

ONM-ABO Amajjii 3, 2025 

Impaayerri Itiyoophiyaa sabaa fi sab-lammoota hacuucuun olaantummaa nam-tokkee leellisaa jiraachuun beekamaadha. Kana irraa kan ka’es lolli keessaa fi alaa irratti banamuun kufaatii dinagdee fi gaaga’ama siyaasaa hamtuu seenee kan jiru hawaasa harka duwwaa irratti duula duguuggaa sanyii labsuun, dinagdee sabichaas laamshessuu irratti xiyyeeffachuun daba hamaa taasisaa jira.

Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Wanciitti Amajjii 2, 2025 Waraanni fi kaadiroonni PP waliin ta’uun hojjettoota isaanii gibira qarshii 7,000 fidaa jechuun namoota kaffaluu hanqatan hidhaatti guuruu cimsanii itti fufaniiru jechuun dubbatu.

Kanarraa kan ka’e yeroo ammaa walitti bu’iinsi jabaan kaadiroota PP fi hojjettoota sirnichaa waliin haalaan uumamee akka jirus ONM maddeen irraa addeesseera. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading