• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Kaaba Shaggar keessatti gareen humna badii Bilxiginnaa qe’ee fi qabeenya uummata Oromoo barbadeessuu daran jabeessan

Jan 7, 2025

ONM-ABO Amajjii 7, 2025 

Murni Bilxiginna gara jabeenya hamaa sabichaaf qaban uummaticha irratti saamicha, dararaa, ajjeechaa suukkanneessaa akkasumas qe’ee fi qabeenya isaa ibiddaan gubuun barbadeessaa turan har’as jabeessanii jiru.

Godina Kaaba Shaggar ona Kuyyuu ganda Darroo Xaaxessaa jedhamu keessatti Amajjii 5, 2025 maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabduu fi ilmaanii fi firoottan keessantu miseensa WBO’ti jedhuun mana isaanii, qe’ee fi qabeenya guutuu waliin ibiddaan gubuun jalaa barbadeessaniiru.

Namoonni qe’ee fi qabeenyi isaanii jalaa gubachuun barbaada’e kunneenis: 

  1. Obbo Fiqiruu Mangee fi Abbaa isaanii 
  2. Obbo Mangee Katamaa    

kan jedhaman yoo ta’an, akka jiraattonni naannichaa jedhanitti gareen shiftaa mootummaa ofiin jedhu kun irra deddeebiin godinicha keessatti dararaa akkaan ulfaataa yeroo irraa gara yerootti irratti raawwachuun jiruu fi jireenya uummatichaa  gadadoo fi kadhattummaaf saaxilaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading