ONM-ABO Amajjii 7, 2025
Hidhattootni murna bilxiginnaa aangoo siyaasaa Koloneel Abiy Ahimed qofa tiksuuf golee Oromiyaa mara keessatti murna faashistii PP’n bobbaafaman qaama isaanii olii gammachiisuuf jecha haadhaa fi abbaa irraa dhalataniif illee kabaja dhabuun gochoota suukkanneessoo fi egeree hawaasichaaf yaaddessaa ta’an irratti raawwachaa oolu.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Jaloo keessatti Amajjii 3, 2025 milishoonni sirnichaa haadha ilmaan 5 kan ta’an Aadde Haliimaa Aliyyii mana isheetti ol itti seenuun reebicha suukkanneessoo irratti raawwatanii qabeenyaa mana isaanii keessatti argaman cufas jalaa saamuun waajjira poolisii magaalaa Qallootti hidhaniiru.
Aadde Haliimaan nama ilmaan isaanii guddifachuu fi jireenya isaanii jijjiirachuuf carraaqan yoo ta’an, gartuun dhala namaaf naasuu tokko hin qabne milishoonni sirnichaa kun garuu maqaa qawween ilmaan keetii mana kana jiraa fidi jedhuun garmalee reebanii hidhuu maddeen ganda Jaloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif eeran.
Oduu saamichaatiin aammoo godinichuma aanaa Dawwee Harawaa ganda Qarree Haroorensaa jedhamu keessatti hidhattootni sirnichaa Amajjii 2, 2025 maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaafaman nama maqaan isaa Ahimed Hasuu (Geroo Hasuu) jedhamuun beekamu hulaa isaa caccabsanii seenuun qarshii 200,000 jalaa saamanii namoota hedduus gandicha keessaa reebanii ari’anii jiraachuun jiraattotni onicha irraa dubbisne ifoomsaniiru.













