ABO-ONM Amajjii 8, 2025
Gareen saamtotaa PP’n aadaa, safuu, duudhaa, eenyummaa, afaan, akkasumas amantii ganamaa uummata Oromootiif kabaja hin qabne bara 2021 keessa ajjeechaa suukkanneessaa godina Baha Shaggar daangaa aanaa Boosatii fi aanaa Fantaallee iddoo Kaarraa ykn Mootoma jedhamutti jumlaan raawwachuun ni yaadatama.
Duudhaa isaa ganamaatti maayii bahuun kan beekamu uummanni Karrayyuu sirna Gadaa itti gaggeeffatu bakka warri aangoo Gadaa harkaa qaban qubatanii jiranitti ganama bariin waraanni murna Shiftaa PP itti marsuun yoo dhuunfatan, Abbaa Gadaa Kadir Hawaas dabalatee tuuta Abbootii Gadaa miseensota Gadaa Michillee fi kan Dullachaa Gadaaf godaananii bakka Kaarra jedhamu qubatanii turan 14 irratti ajjeechaa suukkanneessaa raawwachuun hanga hardhaatti abbootii Gadaa kanaaf namuu osoo hin gaafatamin jiraachuun isaa kan yaadatamuudha.
Hardhalleen harka isaanii osoo hin qusatin, gochuma isaanii itti fufuun, Godina Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuu ganda Darroo Birbirsaa keessatti, Amajjii 5, 2025 gareen shiftaa jibbiinsa guddaa Aadaa fi Amantii Oromoof qabu hordooftota amantii Waaqeffataa Galma Waaqeffanna keessatti waaqeffachaa jiran irratti hidhaa labsuun, namoota baay’inni isaanii 23 ta’an qabuun waajjira poolisii Garba-Gurraachaatti hidhaatti darbanii hiraarsaa jiru.
Namoonni hidhaman kunneen:
- Laggasaa Bulton,
- Shaamballii Tolchaa,
- Baallamii Ijaaraa,
- Baallamii Fayyisaa,
- Fayyisaa Kabbee,
- Darajjee Tafarii,
- Tolasee Abarraa,
- Geetuu Galataa,
- Ijaaraa Damee,
- Dachaasaa Shallamaa,
- Masfinee Tuujjubaa,
- Baayyuu Addunyee,
- Zinnoo Bultoo,
- Geetachoo Bojaa fi
- Bokii Haayilee
kanneen jedhaman akka ta’e maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.


